Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa, haxxummaas hin qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti biyya lafaa irratti akka ibsaa in ibsitu* Guyyaa Kristos firdiidhaaf dhufutti akkasumaan waanan hin fiiginiif, akkasuman waanan hin dadhabiniif, akkan ittiin of jajutti, dubbii jireenyaa jabeessaa qabadhaa.@Filiphisiiyus 2:15-16

Philip P. Bliss, 1874 (Wonderful Words of Life) (🔊 pdf nwc); .

portrait
Philip P. Bliss (1838–1876)

Ammas ammas na faarfadhu dubbii jireenyichaa
Anis qoreen ilalaa dubbii jireeny ichaa
Amantii fi jiruunsaa jireenya naaf kennaa.

Buufata

Dubbii gaarii miidhagaadha dubbii dinqii jireenyaa
Dubbii gaarii miidhagaadha dubbii dinqii gooftaa.

Gooftaan keenya nu fayyisa dubbii jireenyichaan
Cubbamoota dammaqaatii dubbiisa hubadhaa
Tola isa nuu kenneera mootummaa isaatti nu galchaa.

Buufata

Wangeelli amma nutti ni hima dubbii jireenyichaa
Nagaasaa kottaa dhaga’aa dubbii jireenyichaa
Yesuus fayyisaa keetii barabaraan arjaadha.

Buufata